Hoospitaalli Ethio Faransaay iddugala Tajaajila wallaansa hatattamaa tahee arraantana eeybifamee jira.

Sirna eeyba iddugala wallaannsa hatattamaa hoospitaala Ethio faransaay kana irratti kantiiba bulchiinsa Dirre dhawaa kabajamoo obbo Kadiir Juhaar dabalatee afayaa’ii mana maree buchiinsa Dirre dhawaa kabajamoo Aadde Fathiyaa Aadan, itti aana kantiibaa Kabajamoo Obbo Harbi Buuh, hogganaa Waajjira paartii badhaadhinaa damee Dirre dhawaa Obno Ibraahim Yuusuf, hoggantuu Biiro fayyaa bulchiinsa Dirre dhawaa Aadde Lam lam Bezaabih fi Miseensoonni kaabinee bulchiinsaa hirmaatanii kan jiran hoggaa tahu sadarkaa fedraalaa irraa immoo Ministeera Maallaqaa fi Misooma Diinagdee kabajamoo Obbo Ahmad Shidee, Ministeer deeta ministeera Fayyaa Dr .dareje dhuguuma tiifi keeysummoonni biroos argamanii iddugalicha waliin eeybisanii jiran.
Iddugalli kun balaa gara garaa tasaa hawaasarratti mudatuun wallaansa arkachuudhaaf hawaasni bulchiinsaatiin cinatti harargee bahaa tiifi nannoolee ollaa godina sitiidhaa gara hoospitaala Dilcorraa dhufuudhaan wallaansa argachuuf sababa dhiphina idduutiin dhiibba hoospitaala Dilcorraa mudachaa ture sadarkaa olaanaa taheen kan furuudandahuudha.