Baasii Bulchiinsaa Galii Bulchiinsaan Uwwisuuf tattaaffiin jalqabame cimee itti Fufaa jedhan.

Hoogantuun Biiroonl Misooma Maallaqaa fi Dinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Muluukaa Mahammad ibsa gaazexeesitootaaf laataniin akka addeessaniitti Baasii Bulchiinsaa Galii Bulchiinsaan Uwwisuuf tattaaffiin taasifamaa jiruun Bajata Bulchiinsaa keessaa Dhibbeentaa 77% Galii Bulchiinsaan Uwwisuun danda’amuu eeranii roga Galii Dinagdeen Bulchiinsaa maddisiisuu duguuganii Sassaabuun akkasumaas Carraawanii fi Filannoowan gurguddoo haalli qabatamaan Bulchiinsa qabu sirnaan fayyadamuun Gaaffii fi Fedhii misoomaa bal’aa hawaasa keenyaa guutuuf hojiin jalqabame cimee itti Fufaa jedhan.

Bulchiinsa Dirree Dhawaa Bara bajataa 2017 Bajata waliigalaa Birrii Biiliyoona 9.5 raggaasisuu eeranii kana keessaa Dhibbeentaan 58% Bajata Kaapitaalaa ta’uu fi kan hafe Dhibbeentaan 42% Bajata Idilee ta’uu himanii kuniis Bulchiinsi hojii misoomaa gaaffii hawaasaaf xiyyeeffannoo ol’aanaa laatee hojjachaa jiraachuu kan mul’isuu jedhan.

Bajata waliigalaa Birrii Biiliyoona 9.5 keessaa Dhibbeentaan 58% Bajata Kaapitaalaa akka ta’ee fi kuniis Bara bajataa 2017tti Bulchiinsi Dirree Dhawaa Piroojektoota 158 kan ramade jedhanii Piroojektoota kanneen keessaa Piroojektootni 123 Piroojektoota haaraa ta’uu fi 35 Piroojektoota buleeyyii taachaas addeessan.

Dhuma irratti Dhaabileen Bulchiinsaa marti Piroojektoota qabaman yeroodhaa fi Qulqulinaan miira yeroo hinqabuun akka raawwachuu qabanii fi hawaasni Magaalaa fi Baadiyaa Bulchiinsaa marti Piroojektootni naannawa isaaniitti raawataman galma qabaniif akka milkeessaniif ittidhiheenyaan Abbummaan hordofafii fi eegumsii sirrii taasisuufii akka qabaniis dhaaman.

Abdii Adamiin

Suuraa: Aganyahu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *