Manneen Maatii HarkaQalleeyyii 20 Deeggarsa Maallaqaa Imbaasii Itoophiyaa Kan Keeniyaatirraa Argameen Ijaaraman Eebbifamuun Fayyadamtootaaf Furtuun Laatame.

Jiilli Ambaasaaddarootaa Ministeera hajaa Alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoosin Durfamu Bulchiinsa Dirree Dhawaatti, Manneen Harka Qalleeyyii 20 hojii tola ooltummaa ji’oota Gannaatiin Baasii Qarshii Miiliyoona 20 Ministeerri Hajaa Alaa Imbaasii Keeniyaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa waliin tahuun Aanaa Waahel Araddaa Jalloo Ballinaa Ganda Diddiimtuu Cirriitti ijaarsisan eeybifamuun furtuun fayyadamtootaaf kennameeti jira.

Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Ministeerri hajaa Alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos, Mootummaan tajaajila namoomaa kennuurratti xiyyeeyfatee hojjechuudhaan walqabatee bu’aawwan jajjabeessan galmaawaa jiraachuu eeranii qaamota hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaatan hundumaa galateeffatan.

Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar gaamasaaniitiin hojiin tola-ooltummaa akkanaa walitti dhufeenya obbolummaa cimsuu keeysatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu eeranii, bulchinsi Dirree Dhawaa hojiilee bu’uraalee misoomaa iddoo manneen kunneen Itti ijaaramanitti diriirsuurratti xiyyeeffannaa kan hojjetuu ta’uufi Qaamota hojii tola-ooltummaa akkasii hojjechuun gumaacha taasisan kan galateeffatu ta’uu ibsaniiti jiran.

Sagantaa kanarratti Waajjirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Sagantaa Biqiluu dhaabuu kan taasise yommuu ta’u, Barattoota shamarraniifi barattoota maatii harka qalleeeyyiif deeggarsa Maallaqaafi Meeshaalee barnootaa gumaacheeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *