hojjetaman Koreen to’atu filatan.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Jiraatonni Anaa 03 hojiiwan misoomaa gurguddoo raawataman irratti hirmaannaa hawaasaa guddisuu fi piroojektoota kaappitaalaa Kan bara 2018 Aanichatti hojjetamuu qaban Kaban Koreen hojii Hordoffii fi To’annoo raawatu filatan.
Piroojektoonni bara 2017 karoorfaman sababa hanqina baajataatiin raggaasifamanii hojiirra ooluu dhabuun isaaniis gabaasa hawaasaaf dhiyaate keessatti hubatameera.
Ijaarsi dirree tapha daa’immanii Dipoo keessatti, ijaarsi kompileeksii mana jireenyaa waliinii qaama miidhamtootaaf Nembarwan keessatti, fi ijaarsi taankari bishaan boollaa Mariam Safar keessatti rakkoo guddaa ta’e piroojektoota misooma hawaasaa bara 2017tti karoorfamaniidha.
Kanneen milkaa’inaan hojiirra oolchuuf hirmaannaan hawaasaa gaggeeffamuu akka qabu hubatameera, garuu hanga eegametti hin turre.
Kana furuuf muuxannoon gama biraatiin jiru qoodni hawaasaa dhibbeentaa jaatama yoo ta’u, dhibbeentaa afurtama hafe ammoo mootummaan kan uwwisu ta’uu hubatameera.
Dirree Dhawaatti ammoo qoodni hawaasaa dhibbeentaa afurtama tahuu ibsamera.
Waltajjiin kun miseensota koree hirmaannaa misooma hawaasaa bara 2018 gaggeeffamu filachuun xumurame.
Muktar Ahmadiin
Suuraan: Salaam Ababaa


