Bulchiinsatti piroojaktiilee kaappitaalaa bara 2018 hojjataman ilaalchisee kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa seektaroota mootummaa waliin sanada waliigaltee walii mallatteeysan.

Sirna sanada waalii mallatteeysuu kanarratti bara baajataa 2018’tii sadarkaa bulchiinsa Dirree Dhawaatti piroojaktiileen 147 kaappitaala qarshii biiliyeena 8tti dhihaatuun hojjatamuuf kan karoorfaman tahuun ibsameeti jira.

Sagantaa walii mallatteeysuu kanarratti haasawa kan taasisan kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar, piroojaktiileen bara 2015 jalqabamanii bara baajataa kanattiis itti fufan jiraachuu ibsanii, akkuma waliigalaatti baajata piroojaktiilee kaappitaalaa kanaaf ramadaman keeysaa piroojaktiileen bishaan dhugaatiitiifi jallisiidhaatiifi piroojaktii daandiitiif bajatni olaanaan kan ramafameef tahuu ibsuudhaan piroojaktoonni kanneen birootiis kan oomishaafi oomishtummaa guddisuufi piroojaktiileen manneen jireenya waliinii jiraachuu ibsan.

Hoggantuun biiroo maallaqaafi misooma diinagdee bulchiinsa Dirree Dhawaa aadde Muluukaa Mahammad gama isaaniitiin, piroojaktiilee 147 kanneen bara kana baajata qarshii biiliyeena 8tti dhihaatuun hojjataman keeysaa piroojaktiileen 83 buleeyyii tahuufi piroojaktiileen 64 immoo haraya tahuu kaasanii, piroojaktoonni yeroo qabameefitti akka xumuramanii tajaajila hawaasaatiif oolan namuu gahee gamasaa bahaxhuu akka qabu dhaamaniiti jiran.

Piroojaktiilee kaappitaalaa bara baajataa 2018tti hojiirra oolan kanneen ilaalchisee seektaroonni mootummaa 19 kantiibaa bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar waliin sanada waliigaltee walii mallatteeysaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *