Koreen Dhaabbii Qonnaa, Qabeenya Uumamaa fi Eegumsa Naannoo mana marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa guyyaa har’aa Komishinii Hoggansa Sodaa balaa jalatti kuusaa midhaan, meeshaalee manaa fi dhiyeessii yeroo hatattamaa adda addaarratti qorannaa Dirree gaggeeseera.
Walitti qabaan Koreen Dhaabbii Qonnaa, Qabeenya Uumamaa fi Eegumsa Naannoo Kabajamoo Ahammad Abdoo daawwannaa Dirree itti fufuu ishee ibsuun, midhaan Araddaalee baadiyyaa bulchinsa Dirree Dhawaa irraa sassaabamee fi meeshaalee diyaaspooraa fi jaalattoonni Dirree Dhawaa irraa hawaasa saaxilamoo ta’aniif walitti qabaman sa ilaaaluun seeraan dhaqqabamaa ta’uu fi dhiisuu isaanii ilaaluu fi hawaasa keenya yeroo balaan muddamaa tahe mudatutitti mootummaa qofa eeguu mannaa aadaa walgargaarsaa qabu cimsee jtti fufuu qabu dubbataniiru.
Boqqolloo fi midhaan mana kuusaa keessatti yeroo hatattamaadhaaf kuufaman haala gaarii irra akka jiran kan tahuu fi manneen kuusaa haala qilleensaa Dirree Dhawaaf mijatoo ta’uu ibsuun akkaataan meeshaaleen manaa mana kuusaa keessatti kuufaman tokko sirreeffamuu akka qabu Kabajamoo obbo Ahammad dubbataniiru.
Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Bulchinsa Dirree Dhawaa obbo Suleeymaan Alii Ferah yaada koreen Dhaabbii kaasan tilmaama keessa galchuun, hanqinni hojjettootaa dhaabbata isaanii keessa jiraachuu isaa ibsuun hanqina jiru yeroo kessatti akka furmaata kan itti godhan tahuus dubbataniiru.


