Dargaggoonni 946 kan leenjii ogummaa jireenyaa marsaa 3 ffaa xumuran eebbifaman.

Biiroon kalaqaa fi dandeeytii bulchinsa Dirree Dhawaa mata duree dandeeytii, Kalaqaa fi milkaayina ja’uun dargaggoonni muuxannoo hojii akka gabbifatan gochuu fi dandeeytii isaanii guddisuuf sagantaa marsaa xumuraa gaggeeyse.

Sagantaa kanarratti kan argaman deeytaan Ministeera Hojii fi Ogummaa obbo Salamoon Sokaa akka biyyaatti sagantaa Piroojektii kanarra dargaggoonni kumni 60 fi 399 galmaa’uu ibsanii , isaan keessaa kumni 54 ol leenjii kan xumuran yoo ta’u, dargaggoota kuma 52 ta’aniif carraan hojii dhaabbataa akka argatan taasisuu ibsani jiran.

Bulchiinsa Dirree Dhawaattiis waggoota sadii keessatti dargaggoonni 2,846 kan leenji’an yoo tahu , 2,700 ol eeybifamu fi isaan keeysaa dhibbeentaan 60 shamarran akka tahe ibsan.

Dargaggoonni 946 har’a gahumsa qabaniin hojjachuun abdii guddaadha kan jadhan deetaan ministeera hojii fi ogűmmaa Milkaa’inni kan argamu mana barumsaa keessatti qofa osoo hin taane, hojii cimaa bakka hojiitti hojjachuudhaan akka tahe ibsan.

Hoogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Roobeel Geetaachoo akka ibsanitti Pirojektichi dargaggoota sababoota adda addaatiin barnoota isaanii itti fufuu hin dandeenyeef leenjii ogummaa jireenyaa guyyoota 12f kennamu dubbatan.

Leenjiin kuniis dhaabbilee bulchiinsa jala jiran irratti leenjii hojii irra ji’a jahaaf kennuudhaan hojjattoota dhaabbataa taasisuu akka ta’e ibsaniiru.

Dargaggoonni kanneen warshaalee adda addaa keessatti qacaramanii ciminaan hojjechaa kan jiran ta’uu kan ibsan obboo Roobeel piroojektiichiis aadaa hojii isaanii jijjiiree industiriiwwan humna hojjataa guddate fi dorgomaa ta’een akka hoogganaman kan dandeessise ta’uu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *