Bulchiinsa Dirree Dhawaatti
Gamaagamni Karoora Raawwii hojii kurmaana 1ffaa Bara 2017 kan Aanaalee magaalaa fi baadiyyaa guyyaa arraa Waaree booda adeemsifame irratti Hojiin Aanaaleetti Kenniinsa Tajaajila Ammayaawaa fi Dijitaalaa jalqabame cimee itti fufuu akka qabu ibsame.
Waltajjiin Gamaagama Karoora Raawwii hojii kurmaana 1ffaa Bara 2017 Dhaabbilee seektarootaa, aanaalee magaalaatiifi baadiyyaa adeemsifame irratti Gabaasa Raawwii hojii dhiyaatee irratti yaada kan laatan Itti Aanaa Kantiibaa fi Hoogganaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Harbii Buuh yaada kennanii akka ibsanitti Hojiin Aanaaleetti Kenniinsa Tajaajila Ammayaawaa fi Dijitaalaa jalqabame cimee itti fufuu akka qabu ibsame.
Kanaaniis hoggantoota 1,119 oliif leenjiin dandeeytii laatamu, hojjatoota 288 dhaabbilee 13 raawwii isaaniitiif beekkamtii kannamu tajaaja kaniisiinsa foyyeessuuf istaandaardii tajaajila dhaabbilee 11 keessaa 207 keessatti galmeeysuun danda’ameeti jira.
Gama hojiilee tola ooltummaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuulee 232,005 dhaabuuf karoorfamee 286,867 dhaabamuu danda’uu ibsameeti jira.
Dhaabbilee 17 keessatti namoota 228 dhiigni akka arjooman taasifameefi barattoota maatii harka qalleeyyii 5,0073 deeggarsa taasisuuf karoorfamee 5,353 raawwatameeti jira.
Qaaloommina jireenyaa 23% ture gama (10%)tti hir’isuun danda’ameeti jira.
Misoomaalee bu’uuraatiif xiyyeeffanoon ni laatama, gama goodaansa magaalattii sirreeysuuf manni marii kan hundaahu tahuu, yuuniyeeniirratti akkasuma jiraattotaaf magaalaa mijjooytuu taasisuuf xiyyeeffannoon ni hojjatama ja’ameeti jira.
Muktar Ahmadiin
Suuraa Aganyahu shawaraga


