Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Badhaadhina Itoophiyaa Damee Humna Ibsaan Tumsuu Bira Dabree Olka’insa Itoophiyaa Kan Mirkaneessu Ta’uun Ibsame.

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Xumuramuu Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha Ilaalchisuun mataduree” Oomishtummaafi Olka’insa” jedhuun Mariin Paanaalii Ummata Gaggeeffame.

Waltajjicharratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar , Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Kab.Aadde Fatiyaa Aden, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf dabalatee Hoggantoonni Olaanoon bulchinsaa , abbootiin amantaa, hojjettoonni mootummaafi jiraattoonni bulchinsaa hedduun hirmaataniiti jiran.

Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar waltajjicharratti haasaa taasisaniin hidhi Haaromsaa mallattoo Tokkummaa sabdaneessummaa dhiigaafi dafqa Itoophiyaanota hundumaatiin ijaarame waadaa in dandeeyaan waloomaa Itti mirkanaa’eedha jedhan.

Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddichi Badhaadhina Itoophiyaa roga Humna Ibsaatiin Olka’insa Itoophiyaa Kan Mirkaneessu ta’uu kan ibsan Obbo Kadiir Juhaar hidhi Haaromsaa Keenya agarsiistuu cichoomina tokkummaa keenyaa dhaabbachuun raawwachuu danda’uu keenya addunyaa Itti agarsiisne mallattoo injifannoo ummata Gurraachaati jedhan.

Guyyaa Kanatti sandni Marii haala xumuramuufi faaydaa Hidha Haaromsaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffate qophaa’uun Mariin Paanaalii kan gaggeeffame yommuu ta’a, hirmaattoonni waltajjichaas yaada kaasaniin gammachuu qaban ibsachuun fuulduraafis hojiileen misoomaa Guddinaafi biyyaaf gumaachan cichoominaan tumsuuf qophii ta’uu dubbatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *