“Iddoowwan Kanaan Dura Bakka Balfi Adda Addaa Itti gatamaa Ture Yeroo Ammaa kana Bifti Isaanii Jijjiiramee Hawwaattuu Fi Qulqulluu Ta’aniiru.” – Jiraattota Aanaa 04

Hojii Misooma Koriidaraa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aanaa 04 Itti hojjetaman jiraniin Kanaan dura Bakka tokko tokko kan turiifi Balfi adda adda Itti gatamaa ture yeroo ammaa kana bifti bifti isaanii tolee iddoo bashannanaafi hawwattuu ta’anii jiru jedhan.

Hojiin Misooma Koriidaraa aanichatti hojjetamaa jiru iddoowwan balfi adda addaa itti gatamaa tureefi rakkoo fayyaa uumaa jiraachuu kan eeranii jiraattonni Aanaa 04 yeroo gabaabaa keessatti haalli isaanii guutumaa guututti geeddaramuudhaan bareedaniifi faayamanii jiraachuu ibsaniiti jiran.

Turtii yerootirraa kan ka’e daandiiwwaniifi manneen daandii cinaa dulloomanii awwaarriifi Balfi isaanii haalaafi bifa magaalaa Dirree Dhawaa waliin hindeemne kan qabaachuu ture hojii Misooma koriidaraatiin faayamee Bakka bashannanaafi bohaartii ta’uufi Hojiilren Kanaanis magaalaa Keenya bareechuuf waan dandeenyu hundumaan mootummaa bira dhaabbachuun Itti fufsiisuuf kutannoo qaban ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *