Waldaan kun Waldaa Misooma Dirree dhawaatiif birrii kuma dhibbaa fi kudhanis gumaacheera. Hoggansi fi miseensonni waldichaa deeggarsa kana kabajamoo kantiibaa bulchiinsa Dirrree dhawaa Obbo Kadiir Juhaariif dabarsaniiru.
Sagantaa walharkaa fuudhinsaa kana irratti Waldaan Haaromsa Ashawa Kabajamoo Kantiibaa Kadir Juhaar akka jedhanitti, daldaltoota ummata ibiddaan qabeenyi isaanii dhabaniif deeggarsi taasisan jajjabeessaadha.
Miseensonni fi hoggantoonni waldichaas deeggarsa kan goonee namoota balaa kanaan qabeenyi isaanii barbadaa’e deeggaruufi nuti gama isaanii ta’uu keenya agarsiisuuf taasifneerra jedhan.
Muktar Ahmadiin
Suuraan Abiyi shimalis


