Hojii Kalaqaa Barattootaa Jajjabeessuun Badhaadhinaafi Guddina Biyyattiif Murteessaa Ta’uun Ibsame.

Sagantaan Agarsiisaa Hojii Kalaqaa Saayinsiifi Teeknoolojii Barattootaa Manneen Barnootaa Sadarkaa1ffaafi 2ffaa Mataduree Hojii Kalaqa Teeknoolojii Ijaarsaafi Badhaadhina Biyyaaf jedhuun Biiroon Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Akkadamii Dargaggoofi Ispoortiitti Kan baname yommuu ta’u, Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dabalatee Hoggantoonni olaanoon bulchinsaa hojiilee Kalaqaa Barattootaa adda addaatiin hojjetaman daawwataniiti jiru.

Saganticharratti Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar haasaa taasisaniin barattoonni waan dared keessatti yaadrimeedhaan barattootan gochaan agarsiisuufi hojjetanii agarsiisuudhaan barachaa jiraachuu eeranii kunimmoo jajjabeeffamuu akka qabuufi barumsa qabatamaa ta’e akka baratan kan gargaaruufi cimee akka itti fufuu qabu dhaaman.

Kabajamoo Kantibaan fuulduraaf Barattootaa sadarkaa biyyaatti hojii kalaqaatiin adda duree ta’an filachuudhaan Magaalaa Finfinneetti “Artifishaal Intelejensii” akka baratan gochuuf haala miijataa kan human ta’u dubbataniiti jiran.

Hogganaa Biiroon Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii gamasaaniitiin biyyattiin yeroo ammaa kana dargaggoota barumsa teeknoolojiifi saayinsii ammayyaatiin akkasumas hojii kalaqaa isaanii jajjabeessuurratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu eeranii guyyaa kanattis barattoonni wantoota naannoosaaniitti argaman fayyadamuun akkamitti wantoota jireenyaaf gargaaran hojjechuun akka danda’amu agarsiisuus ibsaniiti jiran.

Sagantichi guyyoota sadiif kan itti fufu ta’u beekuun danda’ameeti jira.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa: Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *