Bulchinsatti Sagantaa Seeftineetii Misoomawaatiin Hojiileen Jiraattota Bulchinsaa Fayyadamoo Taasisan Hojjetamuun Ibsame.

Ministeera Qonnaa Itoophiyaatti Qindeessi Wabii Midhaan Nyaataa Biiroo Qonnaa Bishaan Albudaafi Inarjii Bulchinsaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun hojiilee sagantaa seeftineetii Hojjetamanirratti qooda fudhattoota waliin watajjii marii gaggeesse.

Guyyaa kanattis hojiilee Sagantaa seeftineetii misoomawaa marsaa 5ffaatiin araddoota aanaalee baadiyyaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa keessatti hojjetaman kanneen akka oomisha kuduraafi muduraa, horsiisa loonii, kunuunsaa bishaaniifi biyyee irratti xiyyeeffachuun hojjetamaniin jiraattota deeggaramummaarraa bara oomishtummaatti ceesisuurratti milkaa’inoonni qabatamaa galmaa’uu Hogganaa I/Aaanaa Biiroo Qonnaa Albudaafi Inarjii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Mohammed Amiin Ibsaniiti jiran.

Gorsituu Hogganaa Biiroo Qonnaa Albudaafi Inarjii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aadde Misraa Abdallaa Gamasaaniitiin Waggoottan darban keessatti akka biyyaattis ta’ee akka Bulchinsatti Hojiilee Roga qonnaatiin fi seeftineetii misoomawaatiin hojjetamaniin oomishaafi oomishtummaa guddisuu bira dabree jireenya qonnaan bulaa jijjiiruurratti milkaa’inoonni gurguddaan galmaa’uu himan.

Ministeera Qonnaatti Hoggantuu Waajjira Qindeessaa Wabii Midhaan Nyaataa Aadde Sintaayyoo Damissee gamasaaniitiin Waggoottan Darban keessatti Hojiileen seeftineetii misoomawaatiin Wabii Midhaan nyaataatiin mirkaneessuurratti hojjetamaniin bu’a -qabeessa ta’uu addeessaniiti jiran.

Biiroo Qonnaa Albudaafi Inarjii Bulchinsaa Dirree Dhawaatti Daayreektarri Wabii Midhaan Nyaataa Baadiyyaa Obbo Fandishee Baashaa sagantaan seeftineetii misoomawaa jiraattota bulchinsaa deeggaramummaarraa gara oomishtummaatti kan ceesisaa jiru ta’uu eeranii milkaa’ina hojii kanaaf qaamota gumaachan galateeffatanii jiru.

Waltajjii Mario gaggeeffame boodas sagantaan daawwannaa hojiilee seeftineetii misoomawaa aradfoota baadiyyaa keessatti hojjetamaa jiranii kan gaggeeffamu ta’uus beekameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *