Filannoo Biyyaaleessaa Marsaa 7ffaaf Wiixata Dhufu Caamsaa 24/ 2018 gaggeeffamuuf jirurratti hirmaachuudhaan sagalee isaanii paartii barbaadaniif kennuun filachuudhaaf qophii xumuranii guyyaa filannoo eeggachaa jiraachuu jiraattoonni Magaalaa Dirree Dhawaa ibsani.
Jiraattoonni kunneen akka jefhanitti mirga isaanii fayyadamuufi sirna dimokraasii ijaaramaa jiru cimsuuf adeemsicharratti hirmaannaafi gahee isaanirraa barbaachisu gumaachuuf qophii ta’uu himan
Kaardii filannichaa fudhatan sirritti qabachuudhaan guyyaa filannoo sana eeggachaa jiraachuu kan eeran jiraattoonni dubbisne kunneen adeemsichi karaa dimokraatawaa ta’een akka xumuramu gaheesaanii bahachuuf qophii ta’uu himaniiti jiran.
Dargaggoonni, dubartoonnifi qaama miidhamtoonni adeemsa filannichaarratti hirmaachuuf qophii ta’uu eeranii namni kaardii filattummaa fudhate kamiyyuu mirga filachuu argate kana fayyadamuu akka qabanis dhaamaniiti jiran.
Tokkoon tokkoon kaardii sagalee filannoodhaa imala fuuldura biyyattii dhugoomsuuf gatii guddaa kan qabdu ta’uu kan eeran jiraattoonni kunneen guyyaa kanatti ganamaan gara iddoo filannichaa adeemuudhaan sagaleesaanii paartii isaaniif ta’u kara bilisaa ta’een filachuu akka qabanis dhaamsa dabarsaniiti jiran.


