Abbaan Qabeenyaa kan ND Invastimantii Giruupii kan ta’e Injiinar Nagaraa Dhugumaa Shariika isaa Abbaan Qabeenyaa Obbo Mahamad Umarii waliin ta’uudhaan Ji’a Ramadaanaa sababeefachuun Araddaa Ija Aananii Ganda Gabbataatti Jiraatota harka qalleeyyii fi Qaama miidhamtootaaf Deegarsa Midhaan Nyaataa taasifameera.
Kurfii deegarsa laachuu kana irratti Kaantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir juhaarii fi Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf
Injiinar Nagaraa Dhugumaa fi Obbo Mahamad Umarii waliin ta’uun jiraatota
harka qalleeyyii fi Qaama miidhamtoota foo’amaniif kennaniiru
Jiraatonni deegarsi taasifameefiiti deegarsi taasifameef kun kaddoo fi rakkoo Sammuun keessa turte keessaa nu baasee jechuun Qaamolee deegarsa taasisaniif galatoomfataniiru.


