Gareen Biyyoolessaa Itiyoophiyaa (Waliya) tapha jalqabaa waancaa Afrikaa 36ffaa irratti Sa’oo Toomee fi Prinsipeen 3 fi 0n injifachuun ni beekama.
Gareen Biyyoolessaa Itiyoophiyaa istaadiyeemii idil addunyaa Diree Dhawaatti tapha marsaa lammaffaa Saa’oo Toomee fi Prinsipee waliin taphachuuf magaalaa Diree Dhawaa seene.
Jilli kun Istaadiyeemii Idil Addunyaa Diree Dhawaa yommuu ga’u Itti Gaafatamaa Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Diree Dhawaa, obbo Gabayyoo xilahun, Komishinara Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Diree Dhawaa, obbo Khaalid Mohaammad, miseensonni kaabinee, fi hoggantoonni sadarkaa bulchiinsa kanaa hundaan simannaa ho’aan taasifameera.


