Bulchinsatti Sagantaa Seeftineetii Misoomawaatiin Hojiileen Jiraattota Bulchinsaa Fayyadamoo Taasisan Hojjetamuun Ibsame.
Ministeera Qonnaa Itoophiyaatti Qindeessi Wabii Midhaan Nyaataa Biiroo Qonnaa Bishaan Albudaafi Inarjii Bulchinsaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun hojiilee sagantaa seeftineetii Hojjetamanirratti qooda fudhattoota waliin watajjii marii gaggeesse. Guyyaa kanattis hojiilee Sagantaa seeftineetii misoomawaa marsaa 5ffaatiin araddoota aanaalee baadiyyaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa keessatti hojjetaman kanneen akka oomisha kuduraafi muduraa, horsiisa loonii, kunuunsaa bishaaniifi biyyee irratti xiyyeeffachuun…


