Turtii teenya tan Finfinneetiin waliigaltee obbollummaa magaalootaa tan Bulchiinsa magaalichaa waliin hojjechuuf mallatteessineen ala, yeroo daawwannaa pirojektoota misoomaa gaggeeysinetti gahee hoggansa keenyaa roga cimsuutiin haala nu dandeeysisu irratti galtee fi muuxanno gaarii arkannee jirra.
Kaabineen bulchiinsa keenyaa ittifufiinsaan roga muuxannoo Smart City, raawwii haaromsa dhaabbilee fi sagantaa nyaachisa ijoollee, akkasumas raawwii Pirojektiilee kaappitaalootaa ilaalchisuun muuxannooleefi galteewwan arkannetti fayyadamuudhaan akaata hujiilee tana lafatti gadi buusuun guddina waliigalaa Dirree teenyaatiif ciminaan hojjennu irratti daran cimee nu fayyada je’etiin amana. Jabaadhaa Ni jabaannaa! ~~~~~~~ Joogitaankayaga Addis ababa waxaan ka sokow mataanaynta labada…


