Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Kabajamoo Aleeksiis Laameek gara ‘Itiyoophiyaa Xiqqoo’ Dirree teenyaa dhufuu isaaniitiin Onneerraa gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.
Daawwannaan hojii kun, waamicha kanaan dura Kabajamoo Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD), Pirezidaanti biyya Faransaay Maakrooniif akka gara Itiyoophiyaa dhufanii Inveestii godhaniif jecha afeerraa dhiheeysanifitti aanuudhaan kan gaggeefame Daawwiin hujii kun, Hariiroo seena-qabeessa ta’e kan yeroo dheeraadhaaf Dirree Dhawaa fi biyya Faransaay jidduu jiru daran kan cimsuudha. Turtii walgahii kan Garee Miseensoota inveestimantii 16 qabuufii…


