Agarsiifni suraa imala ijaarsa Hidha haaromsa Guddicha Itoophiyaa baname

‎Bulchiinsa Dirree dhawaatti Agarsiisa suuraa Hidha haaromsa Guddicha Itoophiyaa mul’isu Egzibishiniin Agarsiisa suraa imala Waggoota 14 kan mul’isu Dirree Dhawaatti baname.

‎S baniinsa Agarsiisa suraa kana irratti haasaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir juhaar akka jedhanitti ijaarsi Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa nuti lammiiwan Biyya teenyaa guutuun hiyyummaa fi boodatti haftummaa keessaa ba’uuf tokkummaan waan qabnuun ijaaruuf Kan itti ol’kaanee tattaaffii cimaalammiiwan Biyya teenyaa Kan Biyyoota Alaa jiraatanii fi Kan Biyya keessaa Marti hamilee fi miira Ol’aanaan Kan gaggeessaa turree xumuruuf geenyee milkaa’ina kanaaf Baga gammaddan jechuun ergaa Baga gammaddaniis dabarsan.

‎Ittigaafatamaan Waajjira Mana Marii Hirmaannaa Hawaasaa Kan Qindeessa Ummataa Obbo Habtaamuu Asaffaa Gama isaaniin Sadarkaa biyyaalessaatti ijaarsi Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa kun Hirmaannaa Ol’aanaa Ummataa fi Mootummaan Deegarsa tokko malee Biyyi teenya Ofiin kan ijaarratte jedhanii Ummanni biyya teenyaa buusii Birrii Biiliyoona 23 ol akka gumaachee fi Ummanni Dirree Dhawaas ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaaf Birrii Miiliyoona 108 ol gumaachuus addeessan.

‎Milkaa’ina ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa Fuulbana 4 irraa hanga 12 kurfii fi Taateewan gara garaan Kan kabajamu taachaas Obbo Habtaamuu Asaffaa ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *