Barattoota Maatii Harkaqalleeyyii 300 Olta’aniif Deeggarsi Beeshaalee Barnootaa Taasifame.
Biiroon Dhimmoota Dubartoota Daa’immaniifi Dargaggootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Dhaabbata Tola’ooltummaa “Chentro Ayuti Per Itiopia” jedha waliin ta’uun Ayyaana Bara Haaraa 2018 sababeeffachuun barattoota maatii Harka-qalleeyyii 300 ta’aniif deeggarsa meeshaalee barnootaa gumaache. Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Hoggantuu Biiroo Dubartoota Daa’immaniifi Dargaggootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Aadde Hukmiyaa Mohammed Dhaabbatichi biiricha waliin ta’uun deeggarsa adda addaa kan…


