Talaalliin pooliyoo walitti Aansuun marsaa lammaffaa Caamsaa 22-25tti ni kennama.

Talaalliin pooliyoo walitti Aansuun marsaa lammaffaa Caamsaa 22-25tti ni kennama.

pooliyoon daa’imman dhukkuba qaama namaa keessumaa harkaa fi miila laaffisu yoo ta’u, du’aaf illee nama geessuu kan dandahu akka tahee dubbataniiru.

Biyyoota ollaa fi biyya keenya keessatti dhibeen pooliyoo mul’achuu hordofuun talaalliin kun daa’imman irratti kan kennamu tahu’u dubbataniiru.

Kanaafuu, akka biyyaattis ta’e akka mootummaatti karaan dhibee kana ittisuu danda’amu daa’imman talaallii pooliyoo yeroo fi bifa gurma’een kan geeyesan tahuu ibsaniiru.

Duula talaallii pooliyoo walitti Aansuun Caamsaa 22-25 / 2017tti daa’imman dhukkuba irraa eeguuf gaggeeffamuuf jiru marsaa 2ffaa ilaalchisee Itti Gaafataamttun Biiroo Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Dr. Stigeradaa Kiflee gaazexeessitootaaf ibsa kennaniiru.

Duulli talaallii pooliyoo walitti Aansuun marsaa lammaffaa Caamsaa 22 hanga Caamsaa 25, 2017tti, hanga manamanati fi dhaabbilee fayyaatti akka gaggeeffamu itti gaafatamttun dhaabbatichaa ibsaniiru. Kanaaf daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e duula kanaan dura talaallii pooliyoo fudhatamuu fi dhiisuu isaanii osoo hin ilaalin talaallii akka fudhatan waamicha dhiyeessuun, warri fi guddistoonni gama kanaan itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an dhaamaniiru.

Dr. Stixiigeeradan daa’imman sagantaa talaallii idilee hin fudhannee fi jalqabanii fi dhaabbataniif dhaabbilee fayyaa hundatti talaalliin biroo waan kennamuuf, daa’imman talaallii akka fudhatan dhaamaniiru.

Dr. Stigeeradan ogeeyyiin fayyaa duula talaallii pooliyoo kana keessatti haadholee rakkoo fistulaa qaban to kkzpp0pq baasuun akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.

Muktar Ahmadiin

Surraa :-salam Ababa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *