#Oduu Teeknoolojii Haaraa Fayyadamuun Adeemsa Faaynaansii Ammayyeessuuf Hojjechaa Jiraachuu Biiroon Maallaqaafi Misooma Diinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Beeksise.

Biiroo Maallaqaafi Misooma Diinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaatti Komishiniin Karooraaf Misooma Diinagdee bulchinsatti teeknoolojii sooftiweerii haaraa akkaataa daddabarsa baajata ramaddii tokkoo gara ramaddii birootti taasifamu ittiin hordofuufito’achuun danda’amurrtti gaggeessotaafi ogeessota karooraafi faaynaansii dhaabbilee bulchinsaatiif leenjii hubannoo cimsuu kenne.

Komishinara Komishinii Karooraaf Misooma Diinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa kan ta’an Obbo Haylamaaram Daadhii yommuu leenjicha jalqabsiisanitti kanaan dura akkaataan to’annoofi hordoffii daddabarsa baajataa fi qisaasama maallaqaa boodatti hafaafi dhibaawaan jiraachuu ibsanii sooftiweerii ammayyaa kanaan booda ogeessoni karooraafi baajataa dhaabbilee mootummaa iddoo jirurraa maallaqa ramaddii kamirraa kamitti hammam akkasumas hojmaata sirrii hordofuun bajata socho’e kan hordofuu danda’an ta’uu himan.

Komishinar Haylamaaraam Daadhii itti dabaluudhaanis kanaan dura dhaabbileen karaa maanuwaalaa ta’een gaaffii daddabarsa Baajataa ofeegganoo, bajata idileefi kaappitaalaa isaanii karaa naannawaafi dhibaawina qabuun kan gaggeeffamaa ture kanaan booda waajjira isaanii taa’anii gaaffii daddabarsa baajataa kana karaa dijitaala ta’een sooftiweerii kanaan bilbila harkaa yookiin koompitaraan iddoo jiranirraa dhiheessuudhaan akkaataa hojmaata sirriifi doggoggorarraa bilisa ta’een daddabarsi akka taasifamuufi to’annoonis kan gaggeeffau ta’uu ibsaniiti jiran.

Karaa teeknoolojii ammayyaa kanaan gaaffiin daddabarsa baajataa waajjiratti ramaddii tokkoraa gara ramaddii birootti akkasumas biiroo tokkorraa gara biiroo isa biraatti dhiheessuun daddabarsi kan raawwatamu ta’uu

Lenjichi marsaa sadiin kan kennamu yommuu ta’u, guyyaa kanatti ogeeyyiin karooraafi gaggeessitoonni faaynaansii dhaabbilee bulchinsaa hedduun hirmaataniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *