Mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Rippablika Itoophiyaatti miseensotni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an kan Buufata Filannoo 1 fi 2 irraa filaman Hawaasa filaretee waliin mar’itan.
Kabajamtu Dr. Biftuu Mahammad fi Kabajamoo Obbo Abduljawaad Mahammad bakka bu’oota mana maree bakka bu’oota ummata waliin marii taasisaniiru.
Marii kana irratti miseensonni hawaasaa kilaastara baadiyyaa afran irraa fi hoggantoonni aanaa bulchiinsa magaalichaa hirmaataniiru.
Waltajjiin marii kun waltajjii marii bara 2015 qophaa’e irratti gaaffilee ummanni ka’ee fi gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii yeroo ammaa diree dhawa gafiwan hawaasa kandeebi’n Irra deebiin lalun addan base kan hafan kan deebisu taahu kasaniru.
Filattamtoni bakka bu’oota Diree Dhawaa ta’an haasawa baniinsaa isaanii keessatti ibsaniiru.
Waltajjiiwwan marii ummataa kanaan dura qophaa’an irratti dhimmoota bulchiinsaa fi misooma fayyaa ka’an keessaa rakkoon daandii, bishaanii, ibsaa fi neetworkii, akkasumas qaala’iinsa jireenyaa sababa daballii gatiitiin dhufuu fi dhimmoonni kana fakkaatan gaaffilee ka’an keessaa ka’aniiru ummataan.
Rakkoolee bulchiinsa gaarii fi gaaffilee misoomaa ummanni kaasan deebii akka argatan gochuu Mootummaan federaalaa fi sadarkaa bulchiinsaatiin qaamota dhimmi ilaallatuuf tattaaffiin guddaan taasifamaa akka jiruu fi gaaffileen ummataa tokko tokko deebii argachuu isaanii fi gaaffileen deebii hin arganne yeroo barbaadan akka jiran hirmaattotaaf ibsameera.
Dhumarrattis gaaffilee yaada cuunfaa miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataatiin kennaman keessatti ka’an qaama raawwachiiftuu bulchiinsa sadarkaa sadarkaan jiru tilmaama keessa kan galchee fi deebii akka argataniif tattaaffii kan taasifamu ta’uu kabajamtu Dr. Biftuu Mahammad tartiiba isaanitiin mirkaneessaniiru.


