Baratoota Kum Dhibba Shan fayyadamoo kan taasisu Sagantaan Soorata barattootaa jalqabamuufi.

Faawundeeshiniin Elneet Waldaa Misooma Dirree Dhawaa fi Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin ta’uun Manneen Barnootaa Bulchiinsatti kan argaman Baratoota Kum Dhibba Shan fayyadamoo kan taasisu Sagantaan Soorata barattootaa jalqabsiisuuf guyyaa arraa waliigaltee walii mallateessan.

Sagantaa kana irratti kan argaman Hooganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii akka jedhanitti akka biyyaatti caba damee barnootaa mudate kabsachiisuuf sagantaan Soorata barattootaa shoora ol’aanaa qabaachuu eeranii saganticha Baratoota Maatii sadarkaa jireenyaa gad-aanaa qabaniif shoora ol’aanaa qabaachuun olitti hamma Baratoota Baroota irraa hafanii fi barnoota addaan kutaniis hir’isuu cinatti Soorata madaalawaan argatan dammaqinaan akka barnoota hordofan Koka taasisuus addeessan.

Dhuma irrattis Obbo Sulxaan Faawundeeshiniin Elneet galateefatanii fuulduraafiis deegarsa kana fakkaataa akka ittifafan dhaaman.

Hoji-gaggeessaann Waldaa Misooma Dirree Dhawaa Obbo Katamaa Tasammaa gama isaaniin Baratoota Maatii sadarkaa jireenyaa gad-aanaa rakkoo hanqina nyaataa qaban akka barnoota addaan hin turre taasisuu keessatti sagantaan Soorata barattootaa shoora ol’aanaa qabaaa jedhan.

Daayireektarri Sagantaa Faawundeeshiniin Elneet Dr. Raaheel Jiigii gama isaaniin piroojektichi waggaa tokkoof akka turu eeranii piroojekticha ittifufsiisuuf tumsa akka taasisan addeessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *