Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Araddoottan Baadiyaa fi Magaalaa Bulchiinsaa irraa Dargaggoottan walitti babahan , Haawanii fi Abbootii Dargaggootaa akkasumaas manguddoottan Biyyaa fi Abbootii Amantaaf wal-tajjii Araadotaa fi amaloota badoo dhufan jiran irraa irrattii fi haala ittiin Dargaggoota balaawan kanneen irraa oolchuun haala danda’amu irratti hubannaan kenname irratti Daayireektoreettiin Dargaggoo horachuu fi ga’oomsuu Obbo Iskandar Ahmad Araadotaa fi amaloota badoo dhufaa jiran irraa Dargaggoota oolchuuf hunduu ga’ee isaa akka bahatu jechuun waamichi dhiheessan.
Wal-tajjii hubannoo kana irratti Daayireektoreettiin Dargaggoo horachuu fi ga’oomsuu Obbo Iskandar Ahmad akka jedhanitti Araadotaa fi amaloota badoo dhufan jiran irraa Dargaggoota oolchuun ga’ee hunda keenyaati jedhanii hirmaatonni wal-tajjichaa haala kana hubachuun balaa kanaan miidhaa ol’aanaa ga’u ittisuuf akka bahatan waamichi dabarsan.


