Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Biqiltuuwan Guyyaa Ashaaraa Magariisaa bara 2012tti Bulchiinsa Dirree Dhawaatti biqiltuun miilyoonnii 1.5 dhaabuuf karoorfameen hanga ammatti biqiltuun miilyoonni 1 fi dhibbi 3 fi saddeetamii lamaa ol dhaabamuu danda’uu kan eeran hogganaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo fi kunuunsa misooma bosonaa bulchiinsa dirree dhawaa obbo abduu mahaamad ibsuun kana keessaahiis biqiltuuwwan magaalaafi baadiyyaatti dhaabamaniin persantan 93.5 qabachuudha kan eeran biqiltuuwwan akka bulchiinsa dirree dhawaatti kana dura dura yeroo gannaa dhaabaman yeroon ammaa bona ta’uu isaatiin hoggontoota olaanoon bulchiinsichaatin biqiltuu mooraa hospitaala riifaraala raayyaa ittisa biyyaa ajaja bahaattii dhaabamanii turan bishaan kunuunsi bishaan obaasu taasifameera
saganticharattis kayyoo biqiltuu dhaabaniif galma yaadameefitti gahuu akka danda’aaniif biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taanee hordafanii kunuunsuun murteessaa akka ta’ee hoggantoonni olaanoon bulchiinsichaa kanneen biqiltuwwan dhaabamanii turan bishaan obaasuun kunuunsa taasisan kan dubatan
akka bulchiinsa dirree dhawaatti bara 2012 keessatti sagantaa duula biqiltuu dhaabuutiin hojjii gaggeeffameen biqiltuun miilyoonnii 1.5 dhaabuuf karoorfameen hanga ammatti biqiltuun miilyoonni 1 fi dhibbi 3 fi saddeetamii lamaa ol dhaabamuu danda’uu kan eeran hogganaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo fi kunuunsa misooma bosonaa bulchiinsa dirree dhawaa obbo abduu mahaamad ibsuun kana keessaahiis biqiltuuwwan magaalaafi baadiyyaatti dhaabamaniin persantan 93.5 qabachuudha kan eeran
biqiltuuwwaan dhaabaman magaalaa dirree dhawwaatiif faayidaan inni qabu olaanaa ta’uu isaatiin hawaasnii biqiltuuwwan naannawa issaniitti argaman kunuunsuun balaa uumaman qaqabuu danda’uufii jijjirama haala qilleensaa mudatu hanbisuuf gahee irra eegamu bahaachuu akka qabaniis dhaamame.


