Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Biqiltuuwan dhaabaman duulli Bishaan Obaasuu fi kunuunsuu gegeefame.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Biqiltuuwan Guyyaa Ashaaraa Magariisaa bara 2012tti Bulchiinsa Dirree Dhawaatti biqiltuun miilyoonnii 1.5 dhaabuuf karoorfameen hanga ammatti biqiltuun miilyoonni 1 fi dhibbi 3 fi saddeetamii lamaa ol dhaabamuu danda’uu kan eeran hogganaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo fi kunuunsa misooma bosonaa bulchiinsa dirree dhawaa obbo abduu mahaamad ibsuun kana keessaahiis biqiltuuwwan magaalaafi baadiyyaatti dhaabamaniin…


