Koomishiniin Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Araddoottan Magaalaa fi Kilaastaroottan Baadiyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Afranitti jiddu-Gala Oolmaa Dargaggootaa argamaniif Deegarsa Meeshaalee Birrii miiliyoona 3.5 deegarsa laate.
Koomishiniichi Birrii miiliyoona 3.5 Meeshaaleen Deegarsaa laate kun jiddu-Gala Oolmaa Dargaggootaa kanneen Araddoottan Magaalaa fi Kilaastaroottan Baadiyaa Afranitti argamaniif kan Tajaajilu Kitaabota , Mirinjaala , Teessoowan . Sheelfiiwanii fi Mirinjaala Teenisii itti Tabattan yoo ta’u jiddu-Galli Oolmaa DargaggootaaTajaajila irraa eegamu haala ga’aan akka laachuu danda’aniif kan kenname.
Sirna wal-harkaa fuudhuu Deegarsa Meeshaalee kana irratti Komishinariin Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsaa Obbo Shaakir Ahmad akka jedhanitti jiddu-Galli Oolmaa Dargaggootaa mijaawaa fi kan Tajaajila irraa eegamu haala ga’aan akka laachuu danda’u fi Dargaggootni beekumsaa fi dandeettii isaanii guddifachuuf kan dandeesisu akkasumaas iddoowan dargaggoota balaaf saaxilan dhequu irraa dargaggoota kan oolchu taachaas eeraniiru .
Bakka Buutonni jiddu-Gala Oolmaa Dargaggootaa Araddoottan Magaalaa fi Kilaastaroottan Baadiyaa Afraniis sirna deegarsaa kana irratti argamanii deegarsa fuudhaniiru.
See Translation


