Jiilli Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Buuhiin duurfamu kan Hoogantoota Ol’aanoo bulchiinsaa sadarkaa ijaarsi buufatni Gogaa ijaaramaa jiru sadarkaa irra jiru daawattan
Daawannaa kana irratti kantiibaa Ahmad buufatni kun carraa hojii dargaggootaaf Uumee jiru yeroo xumuramee hojii jalqabu daran kan uumuufi dinagdee Dirree Dhawaatii fi kutaa baha biyya teenyaa jijjiiruuf shoora ol’aanaa kan gumaachuu taachaa addeessanii haala gaariin ijaarsi geggeefamaa jiraachuus ibsan.
Dhaabbata Tajaajila Lojistikii Galaanaa fi Geejjiibaa Ityoophiyaatti Itti-aanaa Hoji raawachiisaa Damee Roga Buufataa kan ta’an Obbo Mihirataab Taklu Buufatni Gogaa Dirree Dhawaatti ijaaramaa jiru kun Baasii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 69 oliin lafa heektaara 34 irratti ijaarsi isaan kan geggeefamaa jiru taachaa addeessanii yeroo ammaa Ijaarsi Buufatichaa dhibbeenttaa 50 % irra ga’uu fi yeroo qabameefitti xumuruuf hojjatamaa jira jedhanii yeroo xumuramu Koonteenara kum 4 ol kan keessummeessuu danda’u fi iddoo jiddugaleessaa fi mijaawaatti kan ijaaramaa jiru kun bu’aa ol’aanaa kan qabu taachaas ibsan.
Daawannaa kana irratti Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadii Juhaar dabalatee miseensonni kaabinee Bulchiinsaa hirmaataniiru.


