Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti Guyyaa yaadanoo Injifannoo adwaa waggaa 125ffaan marii paanaaliin barreefama Seenaa Adwaa irratti taasisuun kabajameera.
Sirna kabajaa kana irratti haasawa kan taasisan yuunivarsitii Dirree Dhawaatti Itti-Aanaa Pirezidaantii Dhimmma Akaadaamii kan ta’an Dr. Magarsaa Qaasim akka jedhanitti dhaloinni ammaa seenaa Adwaa irraa wanti barachuu qabu yooniifi tokkumne wanti nuti hin mimkeesine akka hin jirre hubatee hiyyummaa fi walaala seenaa gochuuf hojjachuu qabaa jedhan.
Sirna kabajaa kana irratti haasawa kan taasisan yuunivarsitii Dirree Dhawaatti Itti-Aanaa Pirezidaantii Dhimmma Tajaajila Hawaasaa kan ta’an Dr. Salamoon Zarihuun gama isaaniin akka jedhanitti Biyyoonni Gitabittaa jala turan yeroo Guyyaa yaadannoo Walabummaa itti bahan kabajan nuti Itoopiyaanonni guyyaa Injifannoo kabajuun gootummmaa abbootii keenyaa humna godhachuun seenaa injifannoo biroo hiyyummaa fi walaalumaa irratti galmeesuuf hojjachuu qabna jedhan.
‘‘Adwaan Asxaa Tokkummaa Sab-daneessaati’’ dhaadannoo jedhuun kabajan.


