Hojiin misooma sululaa jireenya keenyaaf bu’aa ol’aanaa qabu hubannee hojjachaa jirraa jedhan.

    Araddaa Baadiyaa Assalissootti jiraatonni hojii misooma sululaa hojjachaa jiran irratti dubbifnee yaada nuuf laatan akka jedhanitti hojiiwan misooma Sululaa kanaan dura hojjachaa ture bu’aawan gara garaa waan nuuf argamsiiseef bu’aawan kana daran cimfannee itti fufaa gochuun irraa fayadamuuf ummatni aradaa keenya walii gallee hojjannee irraa fayyadamuudhaaf hojii irra jirraa jedhan.
    Deegaraan Araddaa Assalisoo Obbo Haarun Abdurahmaan marsaa 8ffaa kanaan hojii ijoo 6 raawachuuf qabanee keessaa daaga (Irkanii) gaaraa suphuu, Qaraa buqaasuu, boolla biqiltuu ammayaa qotuu fi dikee ooyruutti guuruuf karoorfannee raawachaa jirraa jedhan
    Duulli Hojii Misooma Sululaa 8ffaa Guraandhala 13-2013 Araddoota Baadiyaa Bulchiimsa Dirree Dhawaatti geggeefamaati jira.