Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf ba’e irratti yaada uummataa fudhachuuf waamicha dhiyeesseera.
Kaayyoon qajeelfamichaa adeemsa filannoo walqabatee weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf yoo ta’u,filannoo duraa, guyyaa sagalee laachuu fi filannoo booda weerarri vaayrasichaa akka hin babal’anne ittisuufi jedhame.
Qajeelfachi wixinee Boordichaa fi qooda fudhattoota boordichaa, akkasumas qaamolee filannoo raawwachiisaaniif waantoota guutamuu qaban kallattii xiyyeeffannoo ta’uu ibsameera.
Yaa ta’uutii qaamoleen wixinee qajeelfamichaarratti yaada qaban har’aa eegalee torbee tokkoof gama teessaa legal@nebe.org jedhuun ergaa yookaa yaada laachuu kan danda’an ta’uu boordichi beeksiseera. FBC tu gabaase.


