Boordichi qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf ba’e irratti yaada uummataa fudhachuuf waamicha dhiyeesse
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qajeelfama weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf ba’e irratti yaada uummataa fudhachuuf waamicha dhiyeesseera. Kaayyoon qajeelfamichaa adeemsa filannoo walqabatee weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf yoo ta’u,filannoo duraa, guyyaa sagalee laachuu fi filannoo booda weerarri vaayrasichaa akka hin babal’anne ittisuufi jedhame. Qajeelfachi wixinee Boordichaa fi qooda fudhattoota boordichaa, akkasumas qaamolee filannoo raawwachiisaaniif…


