Magaalaa Dirree Dhawaatti “Quwaaqmee hanga Quwaaqmeetti ni geenya ” dhaadannoo jedhuun marsaa 4ffaan Imala miilaa fi Baaskileetaa balaa geejibaa hir’isuu fi aadaa imala miilaa babal’isuuf karoorfate ganama arraa geggeefame.
Sagantaa kana irratti haasawa kan taasisan Ministeerri Ministeera Geejibaa Adde Daagmaawiit Mogos akka jedhanitti haalli teesuma lafaa kan biyya teenyaa hubannoo keesa galfachuun hawaasni miilaan aadaa imaluu gabbifachuun balaa Geejibaa of irraa ittisaa bu’aa fayyaaf qabuus gonfachuu akka qaban dhaaman.
Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Ahmad Buuh gama isaaniin akka jedhanitti hawaasni keenya akka aadaa miilaan imaluu cimfatuuf ji’atti guyyaa tokko imalli miilaa akka geggeefamu deegarsa barbaachisaa akka taasisan ibsan.
See Translation


