Itoophiyaan gara Badhaadhinaatti imalaa jirti. MM Dr. Abiy Ahimad
Imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirru milkeessuuf tokkummaafi kutannoon hojjechuu gaafata. Daandiin gara badhaadhinaa geessu yeroo hunda wal xaxaaadha. Qabsoo guddaa gaafatas. Qaamoleen faallaan socho’aniifi guddina biyya kanaa hin barbaanne kaayyoo kana diiguufi duuba deebisuuf dhama’uu danda’u garuu hin milkaa’uuf. Kanaaf, lammiileen guddina biyya isaanii keessatti qooda isaanirraa eegamu ba’uuf of qopheessuu qofa osoo hin taane…


