Miidhaa harkifachuu roobaa ittisuuf deegarsa taasifamaa jiru irratti hunduu akka tumsu waamichi dhiyaate.

    Kutaa baadiyaa Bulchiinsaatti harkifachuu rooba gannaa ittisuuf qaamoleen ga’ee marti akka tumsuu qabu Ittigaafatamaan waajjira Bishaanii fi Albuudaa Obbo Fu’aad Mahamad dhaaman.
    Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sababa harkifachuu rooba gannaattiin Kutaa baadiyaa Bulchiinsaa iddoowan gogiinsi itti mudatee fi rakkoon hanqina bishaan dhugaatiin miidhaa lubbuu Namaa fi Beeyladaa irra ga’uu danda’u ittisuuf Araddoottan baadiyaa Bulchiinsaatti kan argaman Gandoota 18 kan rakkoon hanqina bishaan dhugaatiin mudateef Bishaan dhugaatii bootteen dhiheessa jiraachuu kan ibsan Biiroo Qonna Bishaanii Albuudaa fi Inarjiitti Itti-gaafatamaan waajjira Bishaanii fi Albuudaa Obbo Fu’aad Mahamad deegarsa taasifamaa jiru irratti qaamoleen ga’ee marti akka tumsan waamicha dabarsan.
    Oomishtoota arfaasaafi rakkoolee marga dheedichaatiin walqabatan akka furaman ni eegama jedhanii, bakkeewwan haguuggii roobaa hinarganne adda baasuun deeggarsi taasifamu kan ittifufu ta’uu himaniiru.