Itoophiyaan gara Badhaadhinaatti imalaa jirti. MM Dr. Abiy Ahimad Imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirru milkeessuuf tokkummaafi kutannoon hojjechuu gaafata.

    Daandiin gara badhaadhinaa geessu yeroo hunda wal xaxaaadha. Qabsoo guddaa gaafatas. Qaamoleen faallaan socho’aniifi guddina biyya kanaa hin barbaanne kaayyoo kana diiguufi duuba deebisuuf dhama’uu danda’u garuu hin milkaa’uuf.
    Kanaaf, lammiileen guddina biyya isaanii keessatti qooda isaanirraa eegamu ba’uuf of qopheessuu qofa osoo hin taane gahee isaanii bahuuf hojjechuu gaafata. Kanaan booda duubatti mucuchaachuu hin barbaachisu.
    Kanaaf, hunduu yoo danda’e biyya isaa Itoophiyaa gara badhaadhinaatti imalaa jirtu haa utubu. Diinni keenya akka diigamnuufi wal miinu waan barbaaduuf kanaaf daandii banuu hin qamnu.