Miidhaa harkifachuu roobaa ittisuuf deegarsa taasifamaa jiru irratti hunduu akka tumsu waamichi dhiyaate.
Kutaa baadiyaa Bulchiinsaatti harkifachuu rooba gannaa ittisuuf qaamoleen ga’ee marti akka tumsuu qabu Ittigaafatamaan waajjira Bishaanii fi Albuudaa Obbo Fu’aad Mahamad dhaaman. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sababa harkifachuu rooba gannaattiin Kutaa baadiyaa Bulchiinsaa iddoowan gogiinsi itti mudatee fi rakkoon hanqina bishaan dhugaatiin miidhaa lubbuu Namaa fi Beeyladaa irra ga’uu danda’u ittisuuf Araddoottan baadiyaa Bulchiinsaatti kan argaman…


