Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti Sadaassa 23 irraa jalqabee qaamolee hawaasa gara garaa waliin “Nageenya Seenaan Tee adda kan foo’amtu Jaalalaani ” dhaadannoo jedhuun wal-tajjii marii Konfiransii Nageenyaa geggeefamaa jiruun marii qaamoleen nageenyaa jechuuniis miseensonni Poolisii Dirree Dhawaa fi Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa kan Bulchiinsatti argamanii fi hoogantoonni ol’aanoon marii taasisan kan duursan Itti Aanaa Kantiibaa fi Hooganaa Biiroo Daldala Indastirii fi Invastiantii Obbo Abdallaa Ahmad akka ibsanitti Nageenya eegsisuun cinatti nageenya ijaaruun hojii qindoominaanaa fi xiyyeeffannoon hojjatamuu qabu taachaa addeessaniiru.

wal-tajjii marii Konfiransii Nageenyaa kan dhaadannoo “Nageenya Seenaan Tee adda kan foo’amtu Jaalalaani ” jedhuun qaamoleen humna nageenyaa geggeessan kana irratti hirmaatonni yaada laatan akka addeessanitti nageenya yeroonii fi kabajchiisan karaa naamusa ogummaa eegate qofaan kan geggeefamuu akka qabuu fi kanaafiis xiyyeeffanoon ol’aanaan kennamuu akka qabu ibsaniiru.
Konfiransii Nageenyaa geggeefamaa jiru kun qaamolee kutaa hawaasa gara garaa kan Araddoottan Magaalaa fi Baadiyaa kanneen kum 50 ga’anii waliin geggeessuun Aadaa fi Duudhaa waggoottan dheeraaf hawaasni magaalattii ittiin beekamu kan wal-danda’anii fi wal-jaalatanii nageenyaan ittiin jiraachaa turan cimsanii itti-fufsiisuuf akka danda’amuuf rakkoolee yeroo dhihoo asitti mudachaa dhufaniin tokkummaa fi waliin jireenyi hawaasaa akka hin banne walii galtee uumuun ittisuu irratti abbaan Nageenyaa kan ta’e hawaasni bal’aa gamtaan akka hojjatuuf yaadamee kan geggeefamaa jiru taachaas beekuun danda’ameera


