Araddoottan Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa 9tti marii Konfiransii Nageenyaa geggeesssan

    Araddoottan Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa 9tti marii Konfiransii Nageenyaa Jiraatonni geggeesssan kun sadarkaa maatii gandaa fi Araddaatti haala ittiin hawaasni nageenya ofii isaa , kan maatii isaa fi akkasumaas kan naannoo isaa gamtaan haala ittiin eegachuu danda’u irratti hawaasni walii galtee uumuudhaan tokkumaan akka nageenyaa fi tasgabbii isaa eegatu taasisuuf kan geggeefamu taachaa kaayyoo Koonfiransii kanaa irraa hubachuun danda’ameera.

    Oduu wal-fakkaataa biroottiin Bulchiinsatti Roga damee hojii Daldalaa kanneen gara garaan magaalaa Dirree Dhawaatti boba’anii kan jiran hawaasni daldalaas “Nageenya Seenaan Tee adda kan foo’amtu Jaalalaani ” dhaadannoo jedhuun wal-tajjii marii Konfiransii Nageenyaa kan geggeessan yoo ta’u hawaasni daldalaas nageenya ofii isaa , kan maatii isaa fi akkasumaas kan naannoo isaa gamtaan haala ittiin eegachuu danda’u irratti marii bal’aa geggeessaniiru .

    Leave a Reply

    Your email address will not be published. Required fields are marked *