Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti kan argaman Ogeeyyota Komunikeeshinii , kan Miidiyaattii fi roga dame Artiidhaa kanneen gara garaa irratti qaamolee boba’anii waliin marii Konfiransii Nageenyaa geggeefame irratti ga’ee Miidiyaa fi Artiin Nageenyaa waliin qaban kan mul’isu barruu kan qopheessan Pirezidaantiin Yuunivarsitii Dirree Dhawaa Dr. Yaareed Maammoo Miidiyaan Nageenya Hawaasaa eegsisuufiis ta’ee Booressuuf ga’ee qabu sirriitti hubachuudhaan hojjachuun akka barbaachisu eeran.
wal-tajjii marii Konfiransii Nageenyaa kana irratti Aadaa fi Duudhaa waggoottan dheeraaf hawaasni magaalattii ittiin beekamu kan wal-danda’anii fi wal-jaalatanii nageenyaan ittiin jiraachaa turanii fi ji’oottan muraasaa asitti Aadaa magaalattii kanaan ala gochootni ta’an kan mul’achaa jirankan mul’isu barreefama qorannoo kan dhiheessan Hooganaan Biiroo Dimmoottan Komunikeeshinii Mootummaa Obbo Isqiyaas Taafasaa Aadaa fi Duudhaa magaalaa teenyaa eegsisuuf ga’een Ogeeyyota Komunikeeshinii , kan Miidiyaattii fi roga dame Artii ol’aanaadha jedhan.
Ogeeyyota Komunikeeshinii , kan Miidiyaattii fi roga dame Artii kanneen wal-tajjii kana irratti yaada laattan akka ibsanitti Nageenyi bu’ura waan hundaa waan ta’eef Ogummaa qabnuu fi dandeettii teenyaan Nageenya cimsuuf akka hojjattan addeessaniiru,


