Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti man-guddoonni Biyyaa , Abboottiin Amantaa qaamolee gara garaa irraa bakka buutonni walitti babahan Guyyaan Ayyaana Saba , Sablamootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 13ffaa marii paanaaliin kabajame.
Guyyaan Ayyaana Saba , Sablamootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 13ffaa mbara kanaa “ Danoominni , Wal-danda’uu fi Araarri Ijaarsa Tokkummaa Biyyaalessaaf ” dhaadannoo jedhuun kurfiiwan gara garaan sadarkaa naannooleetti erga kabajameen booda akka Biyyaalessaatti Magaalaa Finfinneetti kabajuuf kurfiin geggeefamaa turee sirni kabaja ayyaanichaa jalqabameera.


