Fooramiin Magaalota Itoophiyaa Naannoo Sumaalee Magaalaa Jigjigatti marsaa 8 ffaaf Kabajamuu irratti argama

    Fooramiin Magaalota Itoophiyaa 8 Ida’amuun Badhaadhinaa fi GuddinaMagaalotaaf dhaadannoo jedhuun magaalaa jijjigaatti Guraandhala 9 geggeefamuu jalqabe kan itti fufe yoonii fi ta’u turban tokkoof kurfiiwan gara garaa fi mariiwan taasisuun sadarkaan magaalotaaf laachuun kan xumuramu yoo ta’u kanaaniis magaalotni muuxannoo wal-jijjiiruu fi ofbeeksisanii Invastaroota harkisuuf dorgomiin taasisan kan eegamuudha.

    Qaamoleen nageenya hanga xumuraatti qindoomina guutuun kan socha’an ta’uus eeraniiru.

    Fooramii magaalotaa boru irraa eegalee hanga Gurraandhala 14,2011 gaggeeffamu irratti hirmaachuuf keessummoonni magaalaa Jigjigaa galaa jiru.

    Fooramii magaalota Itiyoophiyaa irratti magaalota 168 fi dhaabbilee 9 ol akka hirmaatan beekamee jira.

    Leave a Reply

    Your email address will not be published. Required fields are marked *