Hawaasni Muslimaa Ayyaana Iid-alfaxir yeroo kabaju hojiiwan keeyrii raawachaa kabajuu akka qabu dhaaman
Hawaasni Muslimaa Ayyaana Iid-alfaxir yeroo kabaju hojiiwan keeyrii jechuuniis rakkataa gargaaruun beelawaa nyaachisuunii fi obaasuun haala Amantiin Islaamaa Ajajjuun kabajuu akka qaban Abbootiin Amantaa Dirree Dhawaa argaman dhaaman. Ayyaana Iid-alfaxir kan bara 1440 ALH ilaalchisuun Bulchiinsa Dirree Dhawaatti qaamoleen kutaa hawaasa gara garaa kan irratti hirmaattan Ayyaana Iid-alfaxir kan bara 1440 ALH kurfii Addaan…


