Hawaasni Muslimaa Ayyaana Iid-alfaxir yeroo kabaju hojiiwan keeyrii raawachaa kabajuu akka qabu dhaaman

    Hawaasni Muslimaa Ayyaana Iid-alfaxir yeroo kabaju hojiiwan keeyrii jechuuniis rakkataa gargaaruun beelawaa nyaachisuunii fi obaasuun haala Amantiin Islaamaa Ajajjuun kabajuu akka qaban Abbootiin Amantaa Dirree Dhawaa argaman dhaaman.

     

    Ayyaana Iid-alfaxir  kan bara 1440 ALH  ilaalchisuun Bulchiinsa Dirree Dhawaatti qaamoleen kutaa hawaasa gara garaa kan irratti hirmaattan Ayyaana Iid-alfaxir kan bara 1440 ALH kurfii Addaan haala miidhagaa fi hawataa ta’een kabajame.

    Wal-tajjii kurfii Addaa tan Biiroo Dhimma Komunikeeshinii Mootummaa fi Ejansiin Sab-qunamtii gamtaan qopheessan irratti haasawa kan taasisan Bakka Bu’aa Itti-Aanaa Kantiibaa fi Hooganaa BMMDOSA akka jedhanitti hawaasni Muslimaa duudhaa gaarii tan Ji’a ramadaanaa irraa horate sochiiwan idilee isaa kan jireenyaa misoomaa irrattiis cimsee itti fufuu qaba jedhan.

    Leave a Reply

    Your email address will not be published. Required fields are marked *