Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Paartii Badhaadhinaa bakka Bu’uun Sadarkaa Mana Marii Bulchiinsaa fi Sadarkaa Biyyaalessaatti Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataaf Qaadhimamtoota Filannoof dhiyaatan kurfeessuuf Qindeesitoonni Karoora Kurfii irratti mari’atan.
Waltajjii kana irratti Hoogantoonni Wajjiroottanii fi Biiroolee waliin marii taasifame irratti Hooganaan Waajira Paartii Badhaadhina kan damee Dirree Dhawaa Obbo Maabraatee Gabrayas akka jedhanitti haali dhibee Koronaa ol ka’aa jirachuun yaaddessaadhaa jedhan.
Waajjirichatti Itti gaafatamaan damee ijaarsa Siyaasaa Obbo Roobeel Geetaachoo karoora qaadhimamtoota Manneen Marii Bulchiinsaa fi Mana Marii Federaalaaf Paartii Badhaadhinaa bakka bu’an ilaalchisuun karoora kurfii dhiheesaniiru.
Itti Aanaa Kantiibaa fi Hoogaan Biiroo Daldala Indastirii fi Invastimantii Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin Filannoon marsaa 6 kun filannoo haqa qabeessa, Amanamtummaa fi fudhatamaa taasisuuf dogoggoroottan kanaan duraa irraa barachuun xiyyeefanoon akka hojjatamu ibsaniiru.


