Abbaa Qulqulluu Dr. Abuna Aragawi Ayyaana Bara Haaraa 2013 ilaalchisuun Ummata Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Biyya Teenya Itiyoophiyaa maraan baga Ayyaana Bara Haaraa 2013 isinga’e jechuun hawwii gaarii dhaaman.
Abbaa Qulqulluu Dr. Abuna Ayyaana bara haaraa kana yeroo kabajnu Namoota rakkatoo deegaruun keessattuu namoota buqa’anii jiran namoota Dhibee Koronaatiin Rakkoodhaaf ssaaxilamanii jiran deegaruudhaan kabajuu akka qabnu jechuun dhaamaniiru.
Itti-dabaluuniin Beetakiristaanni waggoottan kum sadeen darbaniif akkuma waa’ee nageenyaa barsiisaa turte dhalootaa haara’aas waa’ee nageenyaa akka beekanii hubatan hojii barsiisuu cimsitee akka itti fuftuus dhaamaniiru.


