Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Ergaa Bara haaraa 2013 ittiin isin ga’ee dabarsan.

    Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ahmad Mahamad Buuh Bara Haaraa Simmachuuf jennu ilaalchisuun ergaa Ummata Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Biyya Teenya Itiyoophiyaa maraan baga Ayyaana Bara Haaraa 2013 isinga’e jechuun hawwii gaarii dhaaman.
    Obbo Ahmad Mahamad Bara 2013tti rakkoo hoji dhabdummaa , Bulchiinsa gaarii fi Olaantummaa seeraa kabajchiisuudhaaf hojiiwan gurguddoon karoorfamuu eeranii kanaafiis hawaasni Bulchiinsaa tumsa barbaachisaa gochuun milkaa’ina karoorichaaf akka ga’ee isaa bahatuus waamicha dhaamaniiru.

    galmoota badhaadhinaa gurguddoo qabanne milkeessuuf homtinuu nu dhaabuu akka hin dandeenyen hubadha. Dinagdee keenya ammayyeessuufi guddisuun ummatni Bulchiinsaa keenya jireenya qananii jiraachisuuf karoorfanneerra.