Dirree Dhawaatti Dhaabatni Foon Beeyladaa qaluun Gabaa alaaf dhiheesuuf dandeesisu Jiilli Muummee Ministeera D.r Abiyyii Ahmadiin duurfamuun eebbifameera.
Dhaabatni Qalma Beeyladaa kan magaala Dirree Dhawaa irraa KM 5 fageenya ta’u irratti Araddaa Baadiyaa Jalloo Balinaa Ganda Hulaa yuusufitti ijaarame kun guyyaatti Gaala hanga 1000 fi Hoolaa fi Re’ee hanga kum 3 quluudhaan qindeessee erguu akka danda’uus eerameera .


